Romans 8:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti yennaa fayyine waan addi'iin eegataa jirrutti jira; wonni addii godhannu waan fudhanneerru yoo te'e, addii te'iisi isaa hin hafa. Waan fudhateeru ka addi'iin eegatu eennu ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu abdiini baafamne; ammo yo waan abdannu arganne, wonti sunini iti deebite abdi intaatu. Eentu waan ilaani argu abdata?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu abdiin baafamne; ammoo yo waan abdannu arganne, wantii sunin itti deebitee abdii hintaatu. Eentu waan ilaan argu abdata?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abdi'iin fayyineerra; haa ta'uu ammo wonti abdii godhatan sun yoo argame abdi'ii miti, waan arge eentu abdii godhataa?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abdi'iin fayyineerra; haata'uu ammoo wonti abdii godhatan sun yoo argame abdi'ii miti, waan arge eentu abdii godhataa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nu'u ka fayyine abddima kanaan. Garuu abddii ka taasffannu ka muldhatu yoo ta'e abddii ta'uun ni hafa, waan muldhatuu eennutu abddii isa taasfata?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti yennaa fayyine waan addi'iin eegataa jirrutti jira; wonni addii godhannu waan fudhanneerru yoo te'e, addii te'iisi isaa hin hafa. Waan fudhateeru ka addi'iin eegatu eennu ree?