Romans 8:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma kana Ayyaanni dadhabbii teenna nu gargaara; attam akka daadimannu nuuti waan hin beenneef, Ayyaanni ammoo aaduu dubbi'iin himantee hin dadeenneen nu'uuf daadimata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasuma Lubbuleeni d'ufte nu qarqaarti, ato lalaafo taanele. Nu aka kad'achu malle imbeennu; Lubbuti Waaqa nu kad'ata, waasa nami dandae afaaniini injenneeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkasuma adoo lalaafoo taaneellee hafuuriilleen dhufee nu qarqaara, nu akka kadhachuu malle hinbeennu; ammoo hafuurii Waaqaa waassa namii dandaa'ee afaaniin hinjenneen nuu kadhata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma Ayyaanni dadhabbii keenna nu gargaara; attamitti akka kadhannu nu waan hin beenneef haa ta'uu ammo Ayyaanninuu worwaata himamuu hin dandeenneen nuu kadhata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma Ayyaanni dadhabbii keenna nu gargaara; attamitti akka kadhannu nu waan hin beenneef, haata'uu ammoo Ayyaanninuu worwaata himaamu hin dandeenneen nuu kadhata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana attamitti kadhachuu akka nurraa malu waan hin beekinneef, Hafuurri Qulqulluun dadhabbii keennaan nu ni gargaara, woyata dubbi'iin ibisamu'uuf hin dandanda'aminneen'llee, nuuf ni kadhata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma kana Ayyaanni dadhabbii teenna nu qarqaara; attam akka daadimannu nuuti waan hin beenneef, Ayyaanni ammoo aaduu dubbi'iin himantee hin dandeenneen nu'uuf daadimata.