Romans 8:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi gadhaa namaa qorqorulle, yaadi Ayyaanaa maan akka te'e hin beeka; sababille Ayyaanni akka fedha Waaqaatitti kolbaa Waaqaatiif daadimata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle Waaqi, ka garaa nama ch'ufa argu, herega Lubbu imbeekha. Wonti akanatiifi Lubbuuni waasaani Waaqa kad'atti maro gumi isaatiifi ammalle fed'i isaa gula.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee Waaqii, ka garaa nama cufaa argu, herrega hafuuraa inbeeka. Wantii akkanaatiif hafuurii waassaan Waaqaa kadhata marroo gumii isaatiif ammallee fedhii isaa gula.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi yaada Ayyaanaa ka garaa namaa qoratu maal akka ta'e hin beeka; akka fedha Rabbii waan woyyootaatiif kadhata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi yaada Ayyaanaa ka garaa namaa qoratu maal akka ta'e hin beeka; akka fedha Rabbii waan woyyootaatiif kadhata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Onnee namaa Waaqinni qoratu, yaadinni Hafuura Qulqullu'uu maal akka ta'e ni beeka, Hafuurri Qulqulluun waayee amanttootaatiif ka kadhatu, akka fedhii Waaqaa titti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi gadhaa namaa qorqorulle, yaadi Ayyaanaa maan akka te'e hin beeka; sababille Ayyaanni akka fedha Waaqaatitti kolbaa Waaqaatiif daadimata.