Romans 8:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worra Waaqa jaallatu ka akka fedha isaa waamameef, Waaqi waan maraa dansa'aaf akka isaanii godhu hin beenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nu imbeenna, aka waan ch'ufa keesati Waaqi worra isaa jaalatu, ka inni fed'i ufitiini yaame, waan dansa tolchuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka waan cufaa keessaatti Waaqii warra ufii jaalatu, ka fedhii ufitiin yaamee, waan dansaa tolchuu nu inbeenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra Rabbiin jaalataniif, worra akka fedha isaatiin waamamaniif wonti maruu mishumma'aaf akka ta'u hin beenna.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra Rabbiin jaalataniif akka fedha isaatiin worra waamamaniif wonti maruu mishumma'aaf akka ta'u hin beenna.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worra Waaqa jaalatanii fi akka fedhii isaa'llee namoota waamamaniif, Waaqinni waan maraa mishumma'aaf, akka isaanii taasisu ni beekinna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra Waaqa jaalatu ka akka fedha isaa waamameef, Waaqi waan maraa dansa'aaf akka isaanii godhu hin beenna.