Romans 8:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Namummaan namaa dadhadduu waan teeteef, waan Seerri godhuu dadhabe, Waaqi godheera. Inni Ilma ifii ka namummaa teenna cubbaalettii fakkaatee, cubbuu haqiisaaf dhufe, ergiisaan cubbuu namummaa namaa keessa jirtutti yakkaa mure.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan seeri maro laafinna nafatiifi tolchu dad'abe, Waaqi ya tolche. Inni daba nafa nama keesa jiru wollaala iti mure, Ilma ufi erge, ka nafa namatiini d'ufe sorio daba balleesitu tahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan seerii marroo laafinna nafaatiif tolchuu dadhabee, Waaqii ya tolche. Innii cubbuu nafa namaa keessa jirtuu wallaala itti muree, Ilma ufi erge, ka nafa namaatiin dhufe sooriyyoo cubbuu balleessituu ta'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee akka cubbuu haqu godheera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namummaan namaa waan dadhabaa ta'eef, waan seerri godhuu dadhabe, Rabbi godhe; Rabbi Ilma ufii ka fakkeenna namummaa keennaa cubbamaa fakkaate ergee cubbuu akka haqu godheera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dadhabinna amala ilma namaa irraa ka ka'een, seerri raawwachu'uuf waan hin danda'in Waaqinni taasisee jira, ilma ufii'llee fakkeennummaa foon cubbama'aatiin sababaa cubbu'uutiin ergee, foon isaatiin cubbuu murti'iin ni dhabamisiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namummaan namaa dadhadduu waan teeteef, waan Seerri godhuu dadhabe, Waaqi godheera. Inni Ilma ifii ka namummaa teenna cubbaalettii fakkaatee, cubbuu haqiisaaf dhufe, ergiisaan cubbuu namummaa namaa keessa jirtutti yakkaa mure.