Romans 8:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugumaan, Ayyaanni Waaqaa isin keessa waan jiruuf, isin akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha foonii hin leetanu. Nami Ayyaana Kiristoosii hin qannelle nama Kiristoosiitii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isani herega nafa gula iyaatani, ammo herega Lubbu gula yaatani, yo d'uguma Lubbuuni Waaqa isani keesa jiraatte. Nami Lubbu Kristo inqamne ch'ufti ka isaatiiniti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo dhuguma hafuurii Waaqaa isan keessa jiraatee, isan herrega nafaa gula hin yaatanii, ammoo herrega hafuuraa gula yaatan. Namii hafuura Kiristoo hinqamne cuftii ka isaatiiniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin ammo yoo Ayyaanni Rabbii isin keessa jiraate, Ayyaanaan malee fooniin hin jiraattan; ka Ayyaana Kiristoosii hin qabne ammo fira isaatii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin ammoo Ayyaanni Rabbii yoo isin keessa jiraate, Ayyaanaan malee, fooniin hin jiraattan; Ayyaana Kiristoosi ka hin qabne ammoo fira isaatii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin garuu Hafuurri Waaqaa isin keessa ka jiraatu yoo ta'e fedha Hafuuraatiin malee fedha fooniitiin hin jiraattan, Hafuura Kristosii naminni hin qabaanne'llee, inni ka gara Kristositii miti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugumaan, Ayyaanni Waaqaa isin keessa waan jiruuf, isin akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha foonii hin leetanu. Nami Ayyaana Kiristoosii hin qannelle nama Kiristoosiitii moti.