Romans 9:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
filannoon Waaqaa huji'iin adoo hin te'in, waamichaan akka te'e mudhisiisaaf, ijoolleen lamaanuu adoo hin dhalatin, isaan keessalle'ee tokkochille dansaa yookiin hantuu adoo hin hujin dura,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Waaqi aka ilmaani lamaani tana keesa, hujiini isaa gurba tokooni guutamtu, gurba toko fohate waan haad'aani jed'e, Angafati maand'icha hojata. Waaqi maro waan dansa gurbaani tolcheefi isa infohanne ammo fed'uma ufitiifi fohate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo Waaqii akka ilmaan lamaan tana keessaa, hujiin isaa gurba tokkoon guutamtu, gurbaa tokko foohatee haadhaan: “Hangafaatti maandhicha hojata. Waaqii marroo waan dansaa gurbaan tolcheef isa hinfoohannee ammoo fedhuma ufiitiif foohate” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
ijoolleen isaa lakkoonni uduu hin dhalatin, yookaan waan mishaa ta'ee'e waan hamaa uduu hin godhin, yaanni Rabbii akka filanno'oon jabaatu huji'iin uduu hin taane ka waame irraa waan ta'eef,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
ijoolleen isaa uduu hin dhalatin mishummaa yookiin waan hamaa uduu hin hojjatin ka waame irraa malee, huji'iinii miti; yaanni Rabbii ka filanno'oon ta'u akka jabaatu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
filannoon Waaqaa huji'iin uduu hin ta'in waamichaan ta'uu isaa ibisu'uuf, ijoolleen lamaan dhalachuu isaaniitii fi hamaa ta'ee mishaa raawwachuu isaaniitiin duranatti,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
filannoon Waaqaa huji'iin adoo hin te'in, waamichaan akka te'e mudhisiisaaf, ijoolleen lamaanuu adoo hin dhalatin, isaan keessalle'ee tokkolle dansaa yookiin hantuu adoo hin hujin dura,