Romans 9:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffam Woyyichi, marroo mooticha Fara'oonii yennaa dubbatu, “Maqaan kiyya biyya lafaa mara keessatti akka lallabamuu fi hunni tiyya si'iin akka mudhattuuf ani mootii si godhe” jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
T'aafiini waan Faraoni jettu, Anini maro waan kanatifi hayyu si tolche, aka jabeenna kiyya si garsiise maqa kiyya lafa ch'ufa barsiisu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Barreessiin quluqulloon Fara'ooniin: “Anin marroo waan kanaatif hayyuu si tolche, akka jabeenna kiyya si garsiisee maqaa kiyya lafa cufaa barsiisu” jetti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kitaabni, «Fari'ooniin ani hunna tiyya sitti mudhisu'uuf, maqaa kiyyallee biyya lafaa maraa irratti akka dubbatamu kanaaf si kaase» waan jedhuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kitaabni, Fari'ooniin ani hunna tiyya sitti mudhisu'uuf, «Maqaa kiyyallee biyya lafaa maraa irratti akka dubbatamu kanaaf si kaase» waan jedhuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sababa kanaan kitaaba qulquluu keessatti waayee nugusa Gibxii, «Si'iin huminnaa kiyya muldhisu'uu fi maqaan kiyya'llee arddii mara irratti akka beekamu taasisu'uuf, si mootomssee jira» dubbiin jedhu, barreeffamee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barreeffam Woyyichi, marroo mooticha Fara'oonii yennaa dubbatu, «Maqaan kiyya biyya lafaa mara keessatti akka lallabamuu fi hunni tiyya si'iin akka mudhattuuf ani mootii si godhe» jedha.