Romans 9:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namana! Waaqa woliin moromiisaaf ati eennu? Okkoteen faaraa nama isii dhoween, “Maaf akkana ana dhootte?” jedhuu dandeetti?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo, atini eennu kana, ka Waaqaani akana jettu? Eeleeni faara nama isi d'aeeni, Maafi akana na d'oofta injetti?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo atin eennuu kanaa, ka Waaqaan akkana jettu? Eeleen faaraa nama isii dha'een, maaf akkana na dhoofta injettii?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo ati nama nana, ati ka deebii Rabbiif deebiftu eennu? Hujiin abbaa hujuun, «Maaf akkana gootee na hujje?» jedhaanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo ati nama nana, ati ka deebii Rabbiif deebiftu eennu? Hujiin abbaa hujuun, «Maali'iif akkana gootee naa hujje?» jedhaanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ati yaa nama! Waaqaan woliin wol mormmu'uuf mirga maal qabdda? Meeshaan faaraa hojjataa isaatiin, «Maali'iif akkana taasfittee ana hojjatte?» jechu'uuniif, ni danda'aa ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namana! Waaqa woliin moromiisaaf ati eennu? Okkoteen faaraa nama isii dhoween, «Maaf akkana na dhootte?» jedhuu dandeetti?