Romans 9:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni Waaqi godhelle tanaan wol fakkaatti. Inni hunna ifii beessisiisaa fi mufii ifii mudhisiissaaf barbaade. Ammoo worra mufii isaa jala jiru, ka badi'iif qophaye san ciniinnatee ossate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti Waaqi tolcheleeni akasuma. Inni dalansu ufi agarsiise jabeenna ufi nama beesisu fed'e. Tanaafi inni eele iti dalane diquma imballeesini suni guddo obseefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii Waaqii tolcheelleen akkasuma. Innii dallansuu ufii agarsiisee jabeenna ufii nama beesisuu fedhe. Tanaaf innii nama tokkollee itti dalanee diqqumaa hinballeessin sun guddoo obseef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Rabbi dheekkamsa ufii mudhisu'uuf, hunna ufiillee mudhisuu fedhee mi'a dursee ulfinnaaf qopheesse, mi'a araaraa irratti durummaa ulfinna ufii mudhisu'uuf, mi'a badi'iif qophaayan yoo obsa gudda'aan danda'e attam ree?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Rabbi lola ufii mudhisu'uuf, hunna ufiillee mudhisuu fedhee mi'a dursee ulfinnaaf qopheese, mi'a araaraa irratti durummaa ulfinna ufii mudhisu'uuf, mi'a badi'iif qophaayan yoo obsa gudda'aan danda'e attam ree?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni dheekkamissa isaa muldhisu'uu fi huminna isaa'llee argisiisu'uuf barbaadee, ballesa'aaf ka qophaayan meeshaa dallansu'uu, baayi'ee isaanii obissee yoo jiraate maal beekkita?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni Waaqi godhelle tanaan wol fakkaatti. Inni hunna ifii beessisiisaa fi mufii ifii mudhisiisaaf barbaade. Ammoo worra mufii isaa jala jiru, ka badi'iif qophowe san ciniinnatee ossate.