Romans 9:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri inni waame nu fa'aayyu; inni worra Yihudootaa qofa keessaa adoo hin te'in, worra Yihudoota hin te'inille keessaa waameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri inni yaame nuu, Yahudi ch'alla keesaaniti ammo gosa d'ibile keesaa yaame.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii nuu warra Yahudii callaa hin yaamennee, ammoo gosa dhibiillee keessaa ya yaame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Meeshaan dhiifamsaa Yihuudota calla'aafii miti; haa ta'uu ammo worra Yihuudii hin taane keessaallee akkasuma worri waamamne nu'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Meeshaan dhiifamsaa Yihuudota calla'aafii miti; haata'uu ammoo worra Yihuudii hin taane keessaallee akkasuma worri waamamne nu'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nu'u meeshaa isaa ka dhiifamaa'llee Yihudota qofa irraa uduu hin ta'in, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne keessaa'llee nu waamee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri inni waame nu fa'aayyu; inni worra Yihudootaa qofa keessaa adoo hin te'in, worra Yihudoota hin te'inille keessaa waameera.