Romans 9:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni kitaaba Hose'aa keessatti, “Worra kolbaa tiyya hin te'in, ‘Kolbaa tiyya’ jedhee hin waama; kolbaa hin jaallatannelle, ‘Jaallatantuu tiyya’ jedhee hin waama;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi inni kitaaba Hosea keesati waan jed'u: Worra kiyya intahiini, Kiyya jed'e yaama, gosa duri injaalanne, Bad'aasoole jed'e yaama.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif innii kitaaba Hoose'a keessaatti: “Warra kiyya hinta'in, Kiyya jedhee yaama gosa durii hinjaalanne, ‘Badhaasoolee tiyya’ jedhee yaama.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma ammo Hoosee keessatti «Ummata kiyya ka hin taane ‹Ummata kiyya› jedhee ta hin jaalatamnellee, ‹Ta jaalatamte› jedhee waama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma ammoo Hoosee keessatti «Uummata kiyya ka hin taane ‹Uummata kiyya› jedhee ta hin jaalatamnellee, ‹Ta jaalatamte› jedhee waama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee nabiyyicha Hoose'ii akkuma jedhame, «Ummata kiyya ka hin turin, ‹ummata kiyya!› jedhee, ni waamaan, ummata hin jaalatamin'llee, ‹ka jaalatame› jedhee, ni waamaan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni kitaaba Hose'aa keessatti, «Worra kolbaa tiyya hin te'in, ‹Kolbaa tiyya› jedhee hin waama; kolbaa hin jaalatannelle, ‹Jaalatantuu tiyya› jedhee hin waama.