Romans 9:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaayaasille marroo Israa'elii qoonqoo ol qabatee, “Laakkossi kolbaa Israa'elii akka maansa abbaayyaa guddoo qarqaraa yoo heddatelle, worruma diqqaa qofati fayya;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isayani waan Israeli dubbate waan jed'u: Ato gochiti Israeli haga maansa afaani galaana geetele, haguma diqa toko ch'allati baafama;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isaayaas waan Israa'eli: “Gochitii Israa'el adoo haga maansa afaan galaanaa geeteellee, haguma diqqaa tokko callaatti baafama;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaayyaasillee laakkobsi ijoollee Israa'elii hagamillee akka xindhacha galaana keessaallee yoo ta'e, worri hafan hin fayyan;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaayyaasillee laakkofsii ijoollee Israa'ellii hagamillee akka xindhacha galaana keessaallee yoo ta'e, worri hafan hin fayyan; Gooftaan dubbii ufii lafa irratti daddafee waan raawwatuuf jedhee, waan Israa'eliitiif hin iyya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaayaas'llee akkana jechu'uun waayee Israa'eelii qoonqqa isaa ol fudhatee ni dubbata, «Laakkofssi ijoollee Israa'eelii akka cirracha garba ciisa'aa titti yoma baayi'ate'llee, isaan keessaa ka fayyan muraasonni qofa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaayaasille marroo Israa'elii qoonqoo ol qabatee, «Laakkossi kolbaa Israa'elii akka maansa abbaayaa qarqaraa yoo heddatelle, worruma diqqaa qofatti fayya;