Romans 9:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma Isaayaas duraan dursee, “Goottaan Hunnaamessi adoo sanyii garii nu'uuf hanburuu dhabe, sila akkuma qachooti Sodoomiitii fi Gomora'aa badane banneerra” jedheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma duri Isayani jed'e, Ato sila Aabbo Waaqi guddaani ilmaani teenna hambisu baate, nu ya arra kale worra Sodoma taane worra Gomora imfakaatini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma durii Isaayaas dubbatee: “Adoo silaa Aabbo Waaqii guddaan ilmaan teenna hambisuu baatee, nu ya ardhaa kalee warra Sodomaa taanee warra Goomoraa hinfakkaatin” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaayyaasillee akkasuma, «Gooftaan maraa danda'u uduu fiixaa nuu hambisuu dhabaatee silaa akkuma Soodomiitii fi Gomoora'aa banna» jedhee firrisee dubbate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaayyaasillee akkasuma, «Gooftaan maraa danda'u uduu fiixaa nuu hanbisuu dhabaatee, silaa akkuma Soodomiitii fi Goomoora'aa banna» jedhee firrisee dubbate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kanaan Isaayaas, «Gooftaan hooma'aa fiixaa nuuf hanbbisuu uduu dhabaateetii, magaalonni Sodoomiitii fi Gamora'aa akkuma badan, nu'llee ni banna ture» jechu'uun, durssee dubbatee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma Isaayaas duraan dursee, «Goottaan Waan Mara Dade adoo sanyii garii nu'uuf hamburuu dhabe, sila akkuma qachooti Sodoomiitii fi Gomora'aa badane banneerra» jedheera.