Romans 9:33 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tun tama Barreeffam Woyyichi, “Kunoo, ani dhakaa kolbaa gufachiisu, rassaa isaan jissu Xiyoon keessa hin keya, ka itti dhugeeffatu ammoo hin qaanowu” jedhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ta t'aafiini baantuti gufata: Ilaali, anini Sioni keesa d'akha nami iti gufatu kaya, d'akha irati jigani. Ammo nami isa d'ugefatu inch'eeru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
ta barreessiin baantuutti gufata; Iaali, anin Xiyoon keessa dhakaa namii itti gufatee irraa jiguu kaahaa Ammoo namii isa dhugeeffatu hinceeru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Kunoo! dhagaa gufachiisu, dhagaa qarsa'aa Tsiyooniin keessa kaaya, ka isatti amanu hin saalfatu» jedhamee akkuma barreeffame dhagaa gufachiisuun gufatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee, «Kunoo, dhagaa namoota gufachiisu Xiyoon ni kaaya, dhagaan kun'llee namoota gufachiisu'uun, siidaa dhaga'aa ka kuffissu, ka isatti amanu garuu, hin saalfatu» jedhamee, akkuma barreeffame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tun tama Barreeffam Woyyichi, «Kunoo, ani dhakaa kolbaa gufachiisu, rassaa isaan jissu Xiyoon keessa hin keya, ka itti dhugeeffatu ammoo hin qaanowu» jedhu.