Romans 9:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gosi tiyya sun gosa Israa'elii ti; Waaqi ijoollee ifii isii godhatee, ulfinna ifiille isi'ii mudhise; gondooroo isii woliin gondoorate, Seeralle isi'ii kenne; isiin waaqeffannaa dhuga'aa qaddi; waadaa hedduulle Waaqi isi'iif gale;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri gumi Waaqi fohate; ilmaani ufi worra tolche, guddinna ufi worra woliini qoodate; wold'aqisa ufi worra woliini tolche Seera kenneefi; kad'acha d'uga qabani; ya kakhu Waaqa argatani;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii gumii Israa'el ta Waaqii foohatee, ilmaan ufii warra tolchee, guddinna ufii warra waliin qoodatee, waldhaqisa ufii warra waliin tolchee seera kenneef; kadhachaa dhugaa qaban; ya kakuu Waaqaa argatan;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan worra Israa'elii waan ta'aniif ilmummaa, ulfinna, kaku'uunillee seerri kennamuun, sirni mana woyyu'uu dubbiin abdi'iilee ka isaaniiti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan worra Israa'elii waan ta'aniif, ilmummaa, ulfinna, kaku'uunillee seeri kennamuun sirni mana woyyu'uu dubbiin abdi'iilee ka isaaniiti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan Israa'eeloota, Waaqinni'llee isaan ijoollee isaa ni taasise, ulfinna isaa isaaniif ni ibise, waadaa'llee isaaniif ni aseene, seera isaaniif ni kenne, seera Waaqeffannaa dhuga'aa'llee isaanitti ni muldhise, dubbii abddi'ii'llee isaaniif ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gosi tiyya sun gosa Israa'elii ti; Waaqi ijoollee ifii isii godhatee, ulfinna ifiille isi'ii mudhise; gondooroo isii woliin gondoorate, Seeralle isi'ii kenne; isiin waaqonfannaa dhuga'aa qaddi; waadaa hedduulle Waaqi isi'iif gale;