Romans 9:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma sanyiin Abrahaamii marti dhugumaan ijoollee isaatii moti; ammoo, Waaqi Abrahaamiin, “Sanyiin teeti sanyii Yisihaaqiitiin waammanti” jedheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yokhaani d'alooti Abrahamu ch'ufti ijoolle Waaqatiniti; wonti akasiitifi Waaqi waan Abrahamuuni jed'e, Ijoolle Isaaqo ch'allati ilmaani tante taha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yokaan dhalootii Abrahaam cuftii ijoollee Waaqaatiniti; wantii akkasiitiif Waaqii Abrahaamiin: “Ijoollee Isaaq callaatti ilmaan tantee ta'a” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fiixaa Abrahaamiillee waan ta'aniif isaan maruu ijoollee isaatii miti. Haa ta'uu ammo «fiixaan kee Yisaaqiin sii waamama» jedhame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fiixaa Abrahaamiillee waan ta'aniif, isaan maruu ijoollee isaatii miti. Haata'uu ammoo fiixaan kee Yisihaaqiin sii waamama jedhame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana fiixaan Abrahaamii marri'llee ijoollee Abrahaamiiti jechu'uu miti. Waaqinni Abrahaamiin, «Fiixaan kee ka siif bayu Yisihaaqiin» waan isaan jedheef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma sanyiin Abrahaamii marti dhugumaan ijoollee isaatii moti; ammoo, Waaqi Abrahaamiin, «Sanyiin teeti sanyii Yisihaqiitiin waammanti» jedheera.