Romans 9:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kana jechuun ijoolleen akkuma aadaa nami uumatuutiin dhalatte ijoolle Waaqaati jechu'uu moti; ammoo ta akka sanyi'iititti laakkowantu, ijoollee akka waadaa Waaqi galeetitti dhalatte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi ijoolleeni aada nama gula d'alatte ta Waaqatiniti; ammo, ijoolleeni kakhu Waaqatiini d'alatte aka d'aloota d'uga heregani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf ijoolleen aadaa namaa gula dhalatte ta Waaqatiniti; ammoo ijoollee kakuu Waaqatiin dhalatte akka dhaloota dhugaa herregan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana jechuun worri ijoollee Rabbii jedhaman ijoollee fooniitii miti; haa ta'uu ammo worri ijoollee Abrahaamiiti jedhaman ijoollee abdi'iiti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunniinillee ijoollee fiixaa abdi'ii qabu keessatti laakkayaman malee, ijjoolleen foonii kunniin ijoollee dhalatan ijoollee Rabbiitii miti jechu'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf fooniin worri dhalatan ijoollee Waaqaatii miti, garuu fiixaa ta'anii ka isaaf laakkayaman, ijoollee dubbii abddi'ii qofa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kana jechuun ijoolleen akkuma aadaa nami uumatuutiin dhalatte ijoollee Waaqaati jechu'uu moti; ammoo ta akka sanyi'iititti laakkowantu, ijoollee akka waadaa Waaqi galeetitti dhalatte.