Ruth 1:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri lachu yae dira Bethlehemu d'umnaani, worri dira sunii dibbise iti baafate; nad'eeni waan jette, Tunini d'uguma Naomi?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achii isaan lamaanuu gara Beeteliheemii deeman; haga qachaa Beeteliheemii gayan, namoonni achi keessa jiran maruu haga isaan argan maalalfatanii «Tun Nuhaamiinii?» jedha'aa wocan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan lamaan haga Beeteelem geyanutti deemane. Yennaa isaan Beeteelem geyane, qachaan duudiin sababa isaaniitiif girrise; dubartootille, «Tun dhugumaan Naa'oomii?» jedhane.