Ruth 1:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maqaani namicha suni Elimeleki, niiti isaa maqaani Naomi, ilmaani isaa lamaani maqaani Malonifi Kilioni. Balbalti worraa Efrati, worri worra Bethlehemu lafa Yuda keesa. Jennaani lafa Moabu d'aqani achi qubatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maqaan namichaa Abemelek, maqaan haadha manaa isaa Nuhaamiin, maqaan ijoollee isaa lamaanii Mahaloonii fi Kelewoon jedhaman ture. Inni dhalootaan nama Efraata'aa ta'e qachaa Beeteliheemii keessa jiraata ture, maatii ufii woliin gara biyya Moo'aabii dhaqee achi jiraate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maqaan namicha sanii Eliimelek; haati manaa isaalle Naa'oom; ilmaan isaa lamaan ammoo Maahiloonii fi Kiliyoon. Isaan dhalootaan worra Efraata'aa, ka qachaa Beeteelemii lafa Yihuda'aa keessaa ti. Isaan biyya Mo'aabii dhaqanee achi qubatane. Adoo achi le'anuu,