Ruth 1:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato lafa Moabu jirtu, Naomiini aka AABBO Waaqi worra isaa qaabate sagale kenneefi d'ageete jennaani, nad'eeni ilmaani isii taani woliini kurfefatte, aka lafa ufiti deebitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nuhaamiin uduu biyya Moo'aabii keessa jirtu, akka Rabbi banii Israa'eliitii araara godhee fi akka midhaan isaanii kenne haga dhageette, intallan ilmaan ufii lamaan woliin biyya Moo'aabiitii gara biyya Israa'elii deebi'uuf kaate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Naa'oom adoo biyya Mo'aabii jirtuu, akka Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii qaabatee midhaan kenneef waan dhageetteef, niitota ilmaan ifii woliin gara biyya Yihuda'aa deebi'iisaaf kaate.