Ruth 2:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Boaziini waan jed'eeni, Haguma d'iirsi kanke due, waan atini jaarti haad'a d'iirsa keetiti tolchite ch'ufa la nati himani. Ammalle la d'agaye aka atini abbaafi haad'a tanteetiifi lafa iti d'alatte lakifte gosa qara imbeenneti galte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Boo'eezillee akkana jedhee deebiseef «Haga abbaan manaa kee du'e irraa jalqabee waan mishaa soddaatii teetii goote maraa; akkasuma abbaa keetii fi haadha tee, biyya itti dhalattellee dhiiftee banii asiin dura hin beenne jidduu seentee jiraachu'uuf akka dhufte dhagayeera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bo'az ammoo deebisee, «Haga abbaan manaa keeti du'ee wonni ati haadha sodda'aa teetii goote marti, abba'aa fi haadha teeti, lafa itti dhalattelle lakkittee gara kolbaa duraan hin beennee attam akka dhutte, guutumatti martinuu natti himameera.