Ruth 4:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Boaziini gara fullo dira suni d'aqe achi tae. Duuba namichi miilo aanti, ka Boaziini waan isaa dubbate kaani, gad'ufe. Jennaani Boaziini isa yaame waan jed'eeni, Jaali, kooti me, arma tai; inni gore tae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Boo'eez gara baadaa qachatti'ii bayee taa'e. Namichi fira dhiyo'oo ka Abemelekii ka Boo'eez tanaan dura waan isaa dubbate ka bira lufa'aaru waamee, «Koottuu na bira taa'i» jedheen; innillee dhufee isa bira taa'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bo'az gara addee karra yaa'ii qacha'aa dhaqee achi tee'e. Namichi fira aanti'ii, ka Bo'az dubbateeru kuun, achiin dabariisaaf dhufe. Maarre Bo'az, «Jaali, koottu me; as tee'i» jedheen. Innille dhaqee tee'e.