Ruth 4:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama ch'ufafi jaaroleeni fullo dura teteetu waan jette, Nuuni ch'ufti d'uga teeti. AABBO Waaqi niiti ati fuutu tana aka Rahelitiifi Lea, ta ijoolle heddu Yakoboo d'alte, sii tolche sii daraarsinna. Balbala Efrati keesati hori buli, Bethlehemu keesaleti ha si beekhaniti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayii jaarsotaa fi namoonni balbala baada'aa taa'aniiran maruu akkana jedhan; «Ee nu waan kanaaf raga'a; intala tee tana Rabbi ijoollee hedduu dawu'uun worra mana Yaaqoobii ijaaran akka Raaheliitii fi Liya'aa sii haa godhu; Rabbii Efraataa keessatti si haa duroomsu; Beeteliheemiin keessattillee maqaan kee gurra haa bawu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba jaarsole'ee fi kolbaan addee yaa'i'ii jirtu marti, «Ee, nuuti dhugaa sii teena. Mootiin Waan Maraa dubartii gara mana keetii dhufaartu tana, akka Raahelii fi Liyaa ijoollee Yaaqoobiif horanee si'iif godhuu ti. Efraataa keessatti hori; Beeteelem keessalle'etti beekkam.