Ruth 4:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Boaziini Ruthi fuud'e worra ufitiini galate. AABBO Waaqi isi eebise, isiini garachoofte ilma deette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka kanaan Boo'eez Ruutiin fuudhee haadha manaa isaa taate; inni bira gaye Rabbi akka isiin ulfooftee ilma dhiiraa deettu taasise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Bo'az Ruuti fuudhee niitii teeteef. Yennaa isaan wol bira geyane, Mootiin Waan Maraa isii eebbisee, isiin ulfoottee ilma deette.