Ruth 4:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aadaani gosa Israeli ta duri, hojja wa gurguratani yokhaani wa jijiratani tana — aka nami gurguru kobe ufiraa baase, ka bitatuu kennu. Akanaani dubbi buufatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara durii keessa Israa'eliin keessatti wonti akka lafa gurguru'uu fi dhaalu'uu ka mirkanaayu namni tokko kophee ufii baafatee nama biraatii yoo kenne calla'a; akka kanaan seerri bitu'uu fi gurguru'uu Israa'eliin keessatti raawwatama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dur biyya Israa'elii keessatti, bitataa fi jijjiirata irratti: dubbii mirkaneessiisaaf, nami tokko kophee baafatee kaaniif kenniis aada'a; Israa'el keessatti akka kanaan bitta'aa fi jijjiirraan seera qabeessa te'a.