Song of Solomon 1:6 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bifa tiyya jette na intufatini, adumati na gube na guraatese. Oboleyaani tiyyati nati dallane oobru zabibu keesa na hojachise. Tanaafi ch'okhachu dad'abe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wonti bifti kiyya gurraachateef waan aduun na gubdeef; kanaafuu waan guraachadheef xiinxallitanii na hin laalinaa'a; ilmaan haadhaa tiyya waan natti aaraniif dhaaba woyini'ii na eessisan; kanaafuu ani hulee dhaaba woyini'ii kiyya hin dhiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani gurraattii waan te'eef, aduun waan na gurraachessiteef, na hin daaw'atina'a! Obboleeyyan tiyya natti aaranee, oorruu muka woyni'ii akka eegu na godhane; muka woyni'ii kiyya ani hin eeganne.