Song of Solomon 8:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato tiyya atini oboleesa kiyya, ka aayyoni harma ufitini guddifte, aka nu duuba yo kara keesati woli agarre wold'uuganele namu woma nuni injenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maal ati obboleessa kiyya ka harma haadha tiyyaa hodhe uduu naa taatee; uduu karaa irratti argee si dhungadhee; silaa eennullee na hin tuffatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati adoo obboleessa kiyya ka harma haadha tiyyaa hodhe, naaf teetee, ani karaa irratti si dhaggee, adoo si sunqadhee jiraadhe, silaa eennulle na hin tuffatuuyyu.