Titus 1:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jaarsi wolde'a kiristaanaa ka hin komatanne, ka niitii takka'aa, ka ijoolleen isaalle dhugeeffattuu fi baalagumma'aan yookiin ajajama dhabiisaan maqaan isaanii hin kaane te'uu qaba.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
jaarsi wollaala qabaachu himmalle; niiti toko ch'alla qabaachu male, ilmaani isaa d'ugefacha qabaachu malte, ijoolle hamamtu ta aka bineensa jirtu, ta dubbi nama inch'aqamne intahiini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jaarsii sun ammoo wallaala qabaachuu hin malle; niitii tokko callaa qabaachuu malee, ilmaan isaalleen dhugeeffachaa qabaachuu malte, ijoollee hamtuu akka bineensaa jirtuu, ta dubbii namaa hin caqamne ta'uu hin mallee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Manguddoonni Woldaa Kiristaanaa ka mudaa hin qabne, ka haadha manaa tokkotti'ii fi ka ijoollee amanan qabu, waan adaba dhabu'uutii fi ajajamu didu'uun ka hin himatamne yoo jiraate muudi.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Manguddoonni Woldaa Kiristaanaa ka mudaa hin qabne, haadha manaa tokkotti'ii fi ka ijoollee amanan qabu, waan adaba dhabu'uutii fi ajajamu diidu'un ka hin himatamne yoo jiraate, muudi.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jaarssi woldaya amanti'ii ka hin ashamnee fi abbaa worraa haadha worraa takkati'ii ka ta'e, gad dhiifamaa ta'u'uu fi ajajamuu dhabu'uun ka hin gilndifaminne ijoollee amantoota ta'an nama qabu ta'uun ni mala.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jaarsi wolde'a kiristaanaa ka hin komatanne, ka niitii takka'aa, ka ijoolleen isaalle dhugeeffattuu fi baalagumma'aan yookiin ajajama dhabiisaan maqaan isaanii hin kaane te'uu qaba.