Titus 1:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Towataan wolde'a kiristaanaa tokko maganneen hujii Waaqaa ka itti kennante waan te'eef, ka hin komatanne te'uu qaba. Inni nama kooru, yookiin nama dafee aaruu, yookiin nama machowu, yookiin nama lola jaalatu yookiin nama beese'eef joljollu te'uu hin qabu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro inni huji Waaqa harka qabuufi inni wollaala qabaachu himmalle. Kiyyibe miira indiqaatiini, farso d'uge namaani woldide insabdaiini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii waan hujjii Waaqaa harkaa qabuufii wallaala qabaachu hin malle. Kiyyibee miira hin diqqaatin, farsoo dhugee sabdaayee namaan wali hin didiin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi ka waan shinga'aa hin jaalanne,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi waan shinga'aa ka hin jaalanne,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ephiis Qophoos (itti gaafatamaa woldaya amanti'ii) ka hujii Waaqaa yabo'oon ka fudhate waan ta'eef ka hin ashaminne ta'uu ni qaba, akkuma kana ka hin boonne, dadafaan ka hin dallanne, ka hin machoofnne, namaan wol dhabaa ka hin ta'in, qarshi'iif ka hin haafofnne ta'uu qaba.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Toowataan wolde'a kiristaanaa tokko maganneen hujii Waaqaa ka itti kennante waan te'eef, ka hin komatanne te'uu qaba. Inni nama kooru, yookiin nama dafee aaru, yookiin nama machowu, yookiin nama lola jaalatu yookiin nama beese'eef joljolu te'uu hin qabu.