Titus 2:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
akka isaan jalaa wo hin hanne barsiis. Barnooti marroo Waaqa fayyisaa keennaa, karaa duudi'iin akka tolu yennaa mara worra dansa'aa fi addatamaa akka te'ane mudhisanuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
abbooti woma dura inhatiini. Ammo ha dansoomafi d'uga garsiisani, aka barsiisa Waaqa Qarqaarsa keenna, waan tolchani ch'ufa keesati, d'ugeesitu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Abbooti homaa duraa hinhatiin. Ammoo akka barsiisi Waaqaa baasaa keennaa waan cufa kessatti ulfaatu, akka yo cufaa dansoomaa fi dhugaa agarsiisaanii dhugeessanii gorsi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
qarshii isaanii'llee akka isaan jalaa hin hanneef isaan gorssi, kana irra barsiifnni Faayyisaa keenna Waaqaa, waan maraanuu akka kabajamu, yeroo maraa amanamummaa dhuga'aa haa muldhisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
akka isaan jalaa wo hin hanne barsiisi. Barnooti marroo Waaqa fayyisaa keennaa, karaa duudi'iin akka tolu yennaa mara worra dansa'aa fi addatamaa akka te'ane mudhisanuu ti.