Titus 2:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Addii gammachiituu fi ulfinnaan mudhatiisa Waaqa guddaa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii hin eeganna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaan eebbaa ka nu abdannee eegannuu, guyyaa guddinnii Waaqaa guddaatii fi ka baasaa keenna Yesus kiristoo mullatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abdii eebbifamaa keenna, innillee mudhata kabajjamaa Rabbii keenna gudda'aa fi qoricha keenna Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abdii eebbifamaa keennaa, innillee mudhata kabajjamaa Rabbiin keenna gudda'aa fi qoricha keennaa Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bifa kanaan abddii keenna ka eebbifame akkuma kana ka Waaqa kenna ol aana'aa, ulfinna fayyisaa keenna Yesus Kristosii muldhachuu isaa ni eegganna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addii gammachiittuu fi ulfinnaan mudhatiisa Waaqa guddaa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii hin eeganna.