Titus 2:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni nafa ufi nuu kenne, aka hameenna ch'ufa keesaa nuu baase, gumi isaa qulqullo, ta waan dansa tolchu feetu nu tolchu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii akka hammeenna cufaa keessaa nu baasuu nafa ufii nuu kennee, gumii ufii qulqulloo, ta waan dansaa tolchuu feetu nu tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kristos hammeennumaa mara irraa nu fayyisu'uu fi hujii mishaa hojjachu'uuf hisattootaa fi ummata qulqulluu isaaf adda baye akka taanu, nu qulqulleessu'uuf waayee keennaaf mataa isaa dabarssee ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera.