Titus 2:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma jaartiin adaba ifiitiin ta ifi qabattu teetee, waan dansaa barsiittuutii malee, ta hamattu yookiin ta daadhii yortu akka hin teene barsiis.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasuma jaarole nad'eenileeni, Aka nad'eeni jireenna qulqullo qabdu taha jed'iini. Nama hamattani yokhaani tisse farsole intahiina jed'iini. Waan dansa barsiisu malte
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkasuma ammoo jaaroleen nadheeniilleen akka warra qulqulloo ha tahanii. Waan dansaa ta'e qofa ha barsiisanii malee, maqaa nama balleessuu fi dhugaatiin akka hin hammaane itti himi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma haawwotiin jaaran haalli jireenna isaanii tajaajila woyyu'uuf gayaa ta'uu barbaachisa; worra hin hamanne, worra dhuddoo daadhii woyini'ii baay'eetiin hin sobamnee fi worra waan mishaa barsiisu haa ta'anii.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma haawwotiin jaaran haalli jireenna isaanii tajaajila woyyu'uuf gayaa ta'uu barbaachisa, worra hin hamanne, worra dhuddoo daadhii woyyini'ii baayi'eetiin hin sobamnee fi worra waan mishaa barsiisu haa ta'anii.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kanaan'llee umri'iin ufi durana dubarttoonni deeman, amala isaaniitiin worra ka kabajaman akka ta'aniif malee hamattootaa fi worra araada dhugaati'ii qaban akka hin taanee fi barsiisicha mishaa ta'e akka barsiisaniif, isaan gorssi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma jaartiin adaba ifiitiin ta ifi qabattu teetee, waan dansaa barsiittuutii malee, ta hamattu yookiin ta daadhii yortu akka hin teene barsiisi.