Titus 2:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Atinuu waan duudi'iin fakkeenna dansaa isaaniif te'i. Barsiisiisa keeti keessalletti dhugaamessaa fi nama kabajamaa te'uu keeti mudhis.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini akheekha huji dansa waan ch'ufa keesati worraa tahi. Barsiisa tante jabeesi, aka dansa barsiisi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan hojjatuu cufaa keessaatti waan dansaa hojjadhuu fakkeena dansaa warraa ta'i waan dhugumaan dhugeeffatte itti bultu jabeessii akka dansaa barsiisii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waanuma kamiinillee waan mishaa ta'e raawwachuun uf fakkeenna mishaa godhii isaaniif uf dhiyeessi; barumsa isaan barsiiftuunillee kasoomu'uun, sirnya;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni nu mormu waan keenna waan badaa dubbatu yoo dhabe, akka saalfatu woma maraanuu waan mishaa godha'aa fakkeenna isaanii ta'i.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ati'llee waan mishaa ta'e raawwata'aa waan maraanuu fakkeenna isaaniif ta'i, dhugummaa barsiisa keetiitiin'llee, atoomessa ta'uu kee muldhisi,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Atinuu waan duudi'iin fakkeenna dansaa isaaniif te'i. Barsiisiisa keeti keessalle'etti dhugaamessaa fi nama kabajamaa te'uu keeti mudhisi.