Titus 2:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri mormu waan badduu nu irratti dubbatu dhabee akka fokkifatu, jecha sirrii te'e ka hin tuffatanne dubbadhu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi dansa ta nami dandae intufanne dubbad'u aka nyaapi kanke waan nuuni jed'u, d'abe ch'eeru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka nyaaphii keenna waan nuun jedhu dhabee ceeruu, dubbii dansaa namii danda'ee hin tufaannee dubbadhi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
qaaqa qajeelaa mudaa hin qabne dubbadhu; kun worri nu mormanii badooma keenna dubbatuu barbaadan akka waan jedhan dhabanii saalfataniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Barumsa fayyinnaa kee keessatti amanama'aa fi nama kabajjamaa dubbii keetiinillee nama hin tuffatamne ta'i.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
haasaya kee fayyaalessaa hin ashaminneen isaaniif ibisi, bifa kanaan mormmitoonni waan nu irratti dubbatan hamaa yoo dhaban, ni saalifatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri mormu waan badduu nu irratti dubbatu dhabee akka fokkifatu, jecha sirrii te'e ka hin tuffatanne dubbadhu.