Titus 3:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
hujii balchummaa nuuti hunyeef adoo hin te'in, marartii ifiitiin, karaa dhiqata dhaloota lammeesso'ootii fi Ayyaana Woyyichaan haareffamiisaatiin nu fayyise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
inni nu baase. Maro huji dansa nu hojannefiniti, ammo maro naasu isaatiifi nu baase, Lubbu Qulqullooni nu d'iqe, isiini d'aloota hareesafi jireenna haraa nuu kennite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
marroo hujii dansaa nu hojjanneefiinitii, marroo naasuu isaatiif nu baasee; Hafuura Qulqulloon nu dhiqee; Hafuuri Qulqulloon sunii dhaloota haaraa fi jireenna haaraa nuu kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haarawoomsuu Ayyaana Woyyu'uutiin nu fayyise malee, hujii qajeellumma'aa ka nu gooneenii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haarawoomsuu Ayyaana Woyyu'uutiin nu fayyise malee, hujii qajeellumma'aa ka nu gooneenii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
hujii nu'u hojjanne ka qullumma'aatiin uduu hin ta'in inni mataan isaa dhiifama isaatiin nu ni fayyise, ka nu fayyise'llee miicata dhalachuu haarawaatii fi haareffama karaa Hafuura Qulqullu'uutiin argameen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
hujii balchummaa nuuti hunyeef adoo hin te'in, marartii ifiitiin, karaa dhiqata dhaloota lammeesso'ootii fi Ayyaana Woyyichaan haareffamiisaatiin nu fayyise.