Titus 3:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni kun jecha dhuga'aa ti. Worri Waaqatti dhugeeffate hujii dansaa hujiisaaf akka ifi kennu, jabeessitee akka gorsitu barbaada; wonni kun dansa'aa fi ta nama maraaf bu'aa qaddu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jechi kunini ka d'ugaati. Anini sii waan kana aka dansa jabeesitu fed'a, aka worri Waaqa d'ugefatu ch'ufti huji dansa jabeese hojatu. Wonti kunini waan dansa, nama ch'ufayu ira jirti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jechii kunin ka dhugaati; anin si'ii waan kana akka dansaa jabeessitu fedha, akka warrii Waaqaa dhugeeffatu cuftii hujii dansaa jabeessee hojjatu. Wantii kunin waan dansaa, nama cufaayyuu irra jirtii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Rabbiin amanan hujii misha'aan uf eegganna'aan akka jabaatan, kanniin cimsitee akka dubbattu barbaada. Kun misha'aa fi waan namoota fayyadu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri Rabbiin amanan hujii misha'aan uf eegganna'aan akka jabaatan, kanniin cimstee akka dubbattu si hoffolcha. Kun misha'aa fi waan namoota fayyadu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun jecha amaname. Waaqatti namoonni amanan hujii misha'aaf akka hisatan, kana maraa ciminnaan akka hubachiifttu ni barbaada, wonitti kun'llee misha'aa fi tokkoo tokkoo namaatiifuu fayyada'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni kun jecha dhuga'aa ti. Worri Waaqatti dhugeeffate hujii dansaa hujiisaaf akka ifi kennu, jabeessitee akka gorsitu barbaada; wonni kun dansa'aa fi ta nama maraaf bu'aa qaddu.