Zechariah 1:21 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba anini, Worri kunini maani tolchu d'ufe? jed'e isa gaafad'e. Inni waan naani jed'e, Gaafi kunini ka worra Yuda gargari baasu, aka nami tokoleeni olinejine. Ammo tumtuni tunini gosa duri lafa Yuda balleesite sodaachiifte balleesu d'ufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
ani, «Namoonni kunniin maal hojjachu'uuf dhufan?» jedhee isa gaafadhe; innillee «Isaan wonti dhufaniif mootota worra Yihuudota hin taanee ka biyya Yihuuda'aa sirima balleessanii akka baniin isi'ii sirima bittinnaayanii hafan godhan raasu'uu fi kuffisu'uuf» naan jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Anille, «Isaan maan godhiisaaf dhufane?» jedhee gaafadhe. Innille deebisee, «Isaan, kolbaa biyya adda addaa ta lafa Yihuda'aa ijjumaa balleessitee, kolbaa isi'iille bittinneessitee, bararassiisaa fi jissiisaaf dhufane» jedhe.