Zechariah 10:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Anini nyaapa amma gumi tiyya tissu ya iti dallane, gaargalchu male illakisu. Worri Yuda kiyya, ana, AABBO Waaqa Guddati qorqorata. Worri fardoole tiyya ta lolaa taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Dheekkamsi kiyya jabaan bulchoota banii kiyyaa irratti bu'a; ani Waandhi banii maraa waan banii kiyya Yihuudaa eeguuf bulchoota isaanii hin adaba; banii Yihuuda'aa akka farda kiyya arreedaa lolaa isaan taasisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Ani tissitootatti guddoo aareera; sooressitootalle hin adaba. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade hoolota tiyya kolbaa Yihuda'aa hin kunuunsa. Akka farda kiyya ka lolaa ka ittiin kooruu isaan hin godha.