Zechariah 10:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini worra Yuda jabeese, worra Israeli baasa; anini worraa nahe worra ch'ufa ufiti deebise, worrileeni aka nama anini taka indidini taha. Anini AABBO, Waaqa worraati, kad'acha worrale ind'agayaafi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani banii Yihuuda'aa hin jabeessa; banii Israa'eliillee hin oolcha; waan isaanii garaalaafuuf isaan maraa gara biyya isaanii isaan deebisa isaan akka ani armaan dura isaan gatee hin beenne ta'an; Ani Rabbi Waaqa isaanii waan ta'eef kadhaa isaanii hin dhagaya.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani kolbaa Yihuda'aa hin jabeessa; kolbaa Israa'eliille hin fayyisa. Ani isaaniif waan nawuuf, akka duriititti isaan hin deebisa. Isaan akka ani tanaan qara ijjumaa isaan lakkisee hin beennee hin te'an. Ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te'eef, daadimata isaanii hin dhage'a.