Zechariah 12:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu kaani d'ibi herega naasutiifi ka kad'achatiini guuta. Duuba namicha woraanaani ijeesani kaani laalani, akuma nama ilma tokocha bohu bohaniifi. Aka worri ilmi angafa iraa due bohu, garaa hamaatani bohaniifi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani hennaa san fiixaa Daawitiitii fi worra Yerusaalemiin keessa jiraatanitti hafuura gara laafumma'aatii fi hafuura faate'eetiin isaan guuta; ani wonti waan kana godhuuf akkuma ilma tokkochaaf yookaan ilma hangafaatii booyan akkasuma isaanillee nama ufii woraananiif akka guddisanii booyaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani ayyaana mararti'iitii fi ayyaana daadimataa sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'u irratti hin dhangalaasa. Isaan ka woraanane san na hin ilaalan; akka nama mucaa tokkochaaf bowuutitti hin bowan; akka nama du'a ilma angafichaatiif guddoo gadduulle hin gaddan.