Zechariah 12:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi AABBO Waaqi worra Yerusalemu keesa tau wonte tahefi qorqorata, ammalle nami worraa lalaafaleeni aka Daudi jabaata. Ilmaani Daudi, aka malaika AABBO Waaqa yokhaani aka Waaqa, worraani deemti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani Rabbi hennaa san worra Yerusaalemiin keessa jiraatanii akka wonte'eetitti waa isaan irraa dhoogga; namni isaan keessaa ka guddisee dadhaba'a jedhamuu akkuma Daawitii jabaa ta'a; ijoolleen Daawitii akka ana Rabbiititti yookaan akka maleekka'aatitti banii masakkan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani guyyaa san Mootiin Waan Maraa, worra Yerusaalem keessa le'u hin eega; isaan keessaa ka irra caalaa dadhaba'aatuu, akka Daawitii jabaa hin te'a. Sanyiin Daawitii akka ergamaa kiyyaa, akkuma kiyya isaan hin sooressan.