Zechariah 13:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba yo nami tokoleeni ammalle aka raaga ufi tolche, abbaafi haati isa d'alte waan isaani jettu, Atini duu malte, jiraachu himmalle, waan atini maqa AABBO Waaqatini d'ara dubbatteefi. Hojja inni wo himu, abbaafi haati isa d'alte isa woraante ijeefti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo namni kamuu ani raatticha jedhee ka'e abbaan isa uumatee fi haati isa deette maqaan Rabbiitiin waan soba dubbatteef du'uu si barbaachisa jedhaniin; uduma inni raaga dubbatu maatiin isaa woraananii isa ajjeesan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafas eennulle yoo raaga dubbate, abbaan isaatii fi haati isaa, ‹Ati maqaa Mootii Waan Maraatiin soba waan dubbatteef, du'uu qadda› jedhaniin. Yennaa inni raaga dubbatu abbaan isaatii fi haati isaa, isa woraanane ijjeesan.