Zechariah 13:9 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini tokocha hafe kaani ibida keesa kaye qulqulleesa, akuma qarsi ibidaani qulqulleesani yokhaani dansuma worqi ibidaani ilaalani. Duuba worri na yaamate, anileeni worra jala owaad'e waan jed'uuni, Worri kunini gumi tiyya. Worrileeni waan jed'u, AABBOONI Waaqa keenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee ibiddatti isaan gata; akkuma birriin ibiddaan qulqullaawu ani isaan qulqulleessa; akkuma worqiin ibiddaan qoramu isaan qora; achiin maayessa isaan na kadhatan; anillee isaanii deebisa; ani «Banii kiyya» jedhee isaan waama; isaanillee ‹Rabbi Waaqa keenna› jedhanii na waaman» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra hafe harka sad san, ibidda keessa buusa; akkuma meetiin ibiddaan qulleeffantu, isaan hin qulleessa; akkuma worqiin ibiddaan haga ilaallantu, isaan haga hin ilaala. Isaan maqaa kiyya hin waaman anille isaaniif hin dhage'a. Ani, ‹Kolbaa tiyya› isaaniin hin jedha; isaanille, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqa keenna› hin jedhan» jedha.