Zechariah 14:16 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani nami gosa Yerusalemu haate ka iraa hafe, ganna ch'ufa achi yae AABBO Waaqa Gudda aka hayyu kad'ate jila Hoosa tolfata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa mootota Yerusaalemiin woraanan keessaa worri badii irraa hafan Waaqa mootii banii maraatii sagadu'uu fi ayyaana daase'ee kabajju'uuf wogga wogga'aan gara Yerusaalemii bayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba gosi biyya adda addaa, ka Yerusaalem lolane keessaa worri jiru'uun hafe duudiin, wogguma wogga'aan Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaaf, jila gose'eelle jilifatiisaaf gara Yerusaalemii ol hin bayan.