Zechariah 14:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja guyyaani sunini gahe, bisaani ch'ulkiini Yerusalemu keesaa yaani, hagi toko galaana ilaboruti yaani, hagi tokoleeni baariini ila galchuti yaani. Bisaani suni hojja roobatiifi hojja bonale ch'ufa yaani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa san Yerusaalemiin keessaa bisaan jireennaatitu burqa; wodhakkaan bisaan sanii gara baya biiftu'uutiin gara galaana du'aa; wodhakkaan isaa ammo gara dhiya adu'uutiin gara galaana Meditiraaniyaanii yaa'a; bonaa fi ganna woggaa guutuu yaa'a'aa jiraata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa san bisaan jiru'uu Yerusaalem keessaa hin burqa; gamisi isaa gara abbaayaa aduun baatuu, gamisi gara abbaayaa Mediteraaniya'aa, bonaa fi ganna hin yaa'a.