Zechariah 3:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Yo atini seera kiyya guutte huji anini sii kenne tolchite, atini Mana kiyyafi qaye isaa, akuma qara hojatte kaani, hojatta; ammalle anini kad'acha tante d'agaye, akuma anini kad'acha malaika na dura ejitu tana d'agayu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Gooftaan banii maraa yoo jireenni kee akka ani fedhu ta'e, waan si ajaju maraa yoo goote, mana woyyumma'aa kiyya keessatti bulchiinsa, bayima baniin kiyya itti wol gawu irrattillee baallii guddaa sii kenna; akka ati maleekkota as dhaabatan woliin na afo'otti seena'aa bawuu dandeettu baallii sii kenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Deensi keeti akka fedha kiyya yoo te'e, waan ani si ajaje yoo eeggatte, Galma kiyyaaf bulchaa, badhinna dalleya kiyya keessaa mara irratti itti gaafatamaa hin teeta. Ergantoota Mootii Waan Maraa ta as dhaabbataneeranu oddu'utti mirga si'iif hin kenna.