Zechariah 4:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Zerubabelini nama Mana Waaqa kana yayabe, ka hobaasuleeni isuma. Yo wonti kunini taate, gumiini tiyya, aka nami gara worra si erge ana, beeti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Harki Zarubaabeelii bu'uura Mana Woyyu'uu dhaabeera; harki isaa ijaaree raawwata; isin hennaa san Waandhi banii maraa ana akka gara keessan na erge hin beettan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Zarubaabel hundee Galma kanaa harka ifiitiin keyeera; harka ifiitiin ijaarsa kana hin fixa. Yennaa tun teetu Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade akka gara keessan na erge hin beettan.