Zechariah 5:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sanduqi sunini qadaada qaba, ka sibiila qalaitiini mid'aasani. Ato anini laalu, qadaadi old'iibame, yo ani jed'e, niiti tokoti keesa taa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Keesheen sun qadaaddoo cilee dhaga'aa irraa hojjatame qaba; uduma ani laalu qadaaddoon isaa irraa ol baname; keeshee san keessa dubartii takkatu taa'eera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qadaadi saaxara'aa ka irsaasa irraa hujame sun yennaa baname, dubartittiin takka saaxaraa san keessa teetteertuun dhagge.